Your browser version is outdated. We recommend that you update your browser to the latest version.

Oromia the home of Gadaa System

Ambassador Suleyman Daddafoo: Bara 1992 akkaataa EPRDF ABO dhiibee biyya baase. የቡዳ መድኃኒት በጀርመን ፍራንክፈርት:: OMN: Gaafii fi deebii Obbo Galaasaa Dilboo HD-ABO VOA: Hidhaa fi Dararaa waggaa kudhiif maatii irrra ga'e.

ODPn EPPti baquun Oromoo yaaddesuu qabaa?

Posted 11/19/2019

Ibsaa Guutamaa

Cuunfaa

ODPn EEPti baquun Oromoo yaaddessuu qabaa? Kaayyoon ganama hafee kennataa (election) Itophiyaaf dorgomuun akeeka muummee tahaa jira. QBO sillim jedhe jira. Sana jechuun murnooti empayera demokraatessuu dilii tokko dabsatan jechuu dha. Garuu waaraanicha injifatan jechuu miti. ODPn Gaaddisa Hoggansa Oromoo dura taahaa itt tahe dhiisee, jaarmota waliin ABUTn tajaajilaa bahan qabatee warra guddisett gale. Kun tokkummaa ummata Oromoos, hiree abba tokkoota baqaniis hubuu dandaha, akkuma goobanoota hunda hube jechu dha. EEPn akkuma tahett aangoo irratt yoo hafe, imaammata hanga yoonaa turan akka hin jijjiirres waabiin hin jiru. Akka gola tokkichaatt of fudhachuu qaata eegale. Murna mootota ofaangessoota durii yaaduuf dudhaa aangoo waltessaa lagachuun rakkisaa dha. Kennati qajeelaa fi bilisa tahe akkuma irbuun seenama jiru gaggeesifamnaan murtoon kan ummataa taha. Dhaaboti Oromo GHO jabeessuun sabicha baraaruutu irraa eegama. Ofittummaa fi oftuulummaan Hogganootaa Oromo keessatt mullachuu hin qabu. Rakkina isaan dura jiru kana irra haanuuf aka akeeka gadaatt utuu adda cehumsaa tokko ummatanii dansa. Ummaticha erga hundee jabaa irra dhaabanii gara fedhan deemuu dandahu. Sirni Nafxanyaa yakka farra ilmoo namaa itt gaafatammi saa yeroon hin dangahamne raawwatee jira. Erga Naziin dhabamanii waa’ee saanii tolaa dubbachuun yakkaan nama gaafachiisaa.

Duratt Oromoon kan walabummaa fi yk kan fedha qaban waliin tokkeessoo dhugaaf qabsaawuuf ABO qabu turan. Harra ABOn kanneen empayera demokraatessina jedhan waliin tarree waan galee jiruuf kaayyoon sabichaa ganama dimimmisa keessatt hafee jiraa. Ammallee furmaati jiru walabummaa yk tokkeessoo kan fedha qabaniin bilisummaan ifsatame qofaa. OPDOn ABUTn kan uumame sabboonummaa ABO dura dhaabbachuuf kan ture yoo tahu too’annoo kaluun hojjetaa ture. Amma ABOn tarree jara empayera demokraatessina jedhanii waan galeef Oromoo tahuu fakkeessuu itt fufuun barbaachisaa in taanee. Kanaaf eenyummaa saa isa dhugaa saaxiluun kanneen walfakkaatan waliin jaarmaa Itophiyaatt baqanii. Sun mirkanii lafa jiruu tahee utuu jiru warraaqxoti Oromoo wanti ittin boonan kan hafe yoo jiraate oolfachuu yaaluu malee yeroof filmaata biraa hin qabanii. Angafooti keenya qabsoon isaan fuldura jiru dhaawataa tahu saaf injifannoon bahuuf dhaalootota akka fudhachuu dandahu beeku turanii. Ayyaanni ABO yeroo hunda kan dhugaan qabsawan waliin jira. Golli malbulchaa yaada murna fedha adda addaa tottolche hojiirra oolchuuf kanneen biraa waliin aangoof dorgomuu dha. Sirni Habashaa garagarumaa yaada malbulchaa fi aangoof nagaan dorgommuu hin hayyamu. ABUT adda tahee mullachuuf golooti hedduun akka galmaawan hayyamus akka hin hojjenne ukkaamse. 

ODPn EEPti baquun Oromoo yaaddessuu qaba? Eeyyees, lakkiis. Yoo iddoosammi dhugaa hin jiraanes maqaa saboota, sabaawotaa fi ummatoota empayera Itophiyaan, 1995tt heerri labsamee ture. Isaanis, yaadanmaliin bakka finnaa empayeraa gunaawaa caasaan federaalaa tokko tolfamee ture. Garuu gaaffolee hedduutu hin deebi’in hafan. Itophiyaa akka durii biyya tokko utuu hin tahin walitt qabaa biyyoota hedduutii. Biyyoota sana kan tokkeessoo fedha irratt hundaawe walqixxummaa fedha fi bilisummaa walii kabajuu uumuu kan dandahanii. Sun haala darbe beekanii akka Afikummaatt dhuma itt gochuu dha. Sana kanneen abdattuu dhafxanyaaf liqimfamuu diduu. Sun beekamuu dha kan Oromoon saba cunqursaa waliin tokkeessoo uummachuu kan fudhatanii.
Amma tibba cehumsaa jijjiiramaa ADWUI keessatt tahee, dhiigaa fi dafqa Oromoon dhufee keessa jirra. Jijjiiramichaan OPDO/ADWI hanga dhuma yeroo hafeett aangoo Oromiyaa fi Itophiyaa irra akka turu taasifame. Itophiyaan akka biyya gola hedduu taateti fudhatamti. Garuu uumaan Habashummaa ABUT kanneen biraa akka ojjetan hin hayyamneefii. Kanaaf, aangoon malbulchaa, lolataa fi dingadee harka gola tokko, ADWUI keessatt cunqaawee. Kanaafi ODPn miseensotaa fi tumsitoota TPLFn kurnoota sadan darban keessaa abbaa hirrummaa saa gargaaran walitt baquun hamaan kan ilaalamaa jiru. Alaan yoo laalamu Oromoon of bulchaa jiru. Garuu ODPn yoo EEPtt baqe kan irraan mullatu sunuu ni hafaa. Raajii wayiitiin kennati qajeelaa fi bilisi gaggeeffamee goloota Itophistoota keessaa EEPn yoo kennatame murtiin ummataa kabajamuu qaba. Sun taanaan Oromoon gaaffii saanii isatt dhiheeffatu.
ODPn akka dhaaba Oromoott, miseensa Gaddisa Hoggansa Oromoo fi abbaa barcumaa saatii. EEPti dabalamu saatiin Oromummaa of dhabsiise jechuu dha. Gaaddisas ni laaffise jechuu dha. Goolooti gara caalu waldoota abba tokkee ilaalcha walfakkaataa qabaniiti malee kan saboota, sabaawotaa fi ummatootaa miti. Jaarmota sabaawoon cafaqamanii gola Itophiyaatt dabalamuutu farrisaa jijjiiramaa caasaa federaalaa irratt tolfamuuf deemutt fudhatame. Abbaltiin saa kan fedhe haa tahu, fedha umatootaa ifaa alatt waanti raawwatu dandahu hin jiraatuu. Dabballooti ADWUI golli haaraan akka waldaa namoota dhuunfaa utuu hin tahin akka waan ummatootaan gaafatameett dhiheessaa jiru. Kun kennati utuu hin gaggeeffamin kennata ummatootaa jedhanii dubbachuu taha. EEPn akkuma biyyoota Afrikaa hedduu bilisummaa duubaa, sirna gola tokkichaa akka hin labsine wabiin hin jiru. Murni EEP uumu kun mootota ofaangessoo tahan durii leellisaa. Kanaaf utuu jiranii aangoo dabarsanii kennuun rakkisaa taha. Oromoof sila kennataa dura gaaffoliin qabsaawaniif dura deebi’uu qabu turani. Sabooti fi sabaawotii sirna waliin keessa jiraachuuf adeeman dura irratt wal qayyabachuu qabu. Isa duuba aangoon akkamitt akka hiramuu fi dhuunfatamu dubbatama.
Sabboonoti Kaayyoo Oromoo irraa qoollifachuun itt fufaa shaakaloota goobanootaa fi ayyaanlaallattootaa darbaniitii. Balaa si’ana Oromoott bu’uu dandahu hambisuuf tokkummaan dhaabota Oromoo dirqii dhaa. Oromiyaa salphinaa fi qaanii irra marsaa jiru irraa oolchuuf tokko tokkoon jaarmota Oromoo akeeka GHO jabeessuu irratt abbaawummaa fi itt gaafatama qabu. Ofittummaa fi oftuultummaan hogganoota Oromoo irratt mullachuu hin qabu. Jaarmaan hundi waliinjiroo qabaa, yoo tokko tahan waliinjiroon ni tokkoomu, yoo addaan bahan isaanis addaan bahanii sabichas adda baasu. Amma kan barbaachisu Oromiyaa bu’uura jabaa irra dhaabuun fedha see malee akka homtuu irratt hin raawwatamne dandeessisuu dha. Kun salphaa kan tahu utuu adda cimaa yeroo cehumsaa tokko dhaabachuu dandaahiituu. Hundi akka hammatamuuf heeraan Yubaa fi Lubatt wal hiruu dha. Angafoota hunda Yuboomsanii qooda xaddachummaa, gorsaa Lubaa, dubbii aadaa fi aangoo “sidhaabee” tuqaalee toko tokko irratt akka qabatan gochuu dha. Waggaa dhalootaa muteessanii namoota giidoo fi beekumsa qaban kanneen Oromummaa fi akeeka Gadaaf amanamoo tahan Lubatt ramaduu dha. Lubi hoggana Qaraa addichaa taha. Heeraa fi sagantaa addichaa waliin baasu.
Kanaaf, kan barbaachisu adda jabaa Oromummaa fi akeeki Gadaa ilaalcha masakaa taheefii. Tuqaa rakkisaa tahan guduunfaa erga itt godhanii duuba, akka waliin dorgomoott kara karaa saanii deemuu dandahu. Yaaddessaa kan tahu ODP dhabuu utuu hin tahin akkaata inni ummata keenya addaan baasuu dandahu. Gani waan Oromoon beekamoo hanga kashalabbee irraa muuxatanii. ADWUIn kurnan sadiif gola aangoo irra ture waan taheef, EEP bobbaasuun burjaajii seeraa fi malbulchaa inni fiduu dandahu amma himuun rakkisaa taha. ODPn dhaaba Itophiyaatt baquun Oromoo hubuu fi dhiisuun jabina fi dudhama sabboonota birmadummaa jaallatanii irratt hirkataa. Citaa tokko luqqa’eef hedduun walqabatee akka hin luqqaane oolchuu dandahuu qabu. Hammam abba tokkoota keessa jiran akka inni hubuu dandahu hiree Goobana Daaccee dagaagichaa fi kanneen hanga yoonaa faana saa irra buhanii jalaa barachuun ni dandahama. Kan hubatamuu qabu tokko, sirni Nafxanyaa ilmoo namaa irratt yakka itt gaafatammi saa yeroon hin dangahamne raawwachuu saatii. Du’a saa duubas tahu gaaddisa qajeeltuutti dhiheessuun ni barbaachisa taha. Erga Naziin sokkonii waa’ee saanii tolaa dubbachuun yakkaan nama gaafachiisaa jira. Qaaqi gurguddoo afaan Amaaraa dubbatan irraa dhagahaa jirru, yaada haaraa kan adda addummaa fedhaa fi eenyummaa ummatootaa irratt hundaawe utuu hin tahin ilaalcha dullacha Nafxanyaa koloneeffataa tuffii fi hacuuccaatii. Sammuun mata jaboo fi ofirroo tahan waraana hin moohanneef kan darbe caalaa dhiiga akka dhangalaasan hayyamamuu hin qabu. Oromiyaan Haa Jiraattu.